Connect with us

Walaloo Dr.Abiyyiif : Dhageessuu dr. Abiy

Entertainment

Walaloo Dr.Abiyyiif : Dhageessuu dr. Abiy

Dhageessuu Dr.Abiy?

Naqamtee koo gaarii koo
Biyya Kumsaa Morodaa
Utuu ati boo’aa jirtuu
Akkam godheen baradhaa?

Garaan koo obsuu didee
Madaa kee kulkulfata
Isati achii gadoodduu
Ani asiin eeladhaa.

Miidhama kee ilaalaa
Iyya kee dhaggeeffachaa
Akkam godheen baradhaa?

Obbolaan koo dhumanii
Gaafa harmeen gadooddu
Abbaan koo ajjeefamee
Gaafa biyyi koo baddu

Garaa maali na obsa?
akkamittan cal jedha?
Garaan koo na gubatee
Garaachi koo ciinca’eem
Iji koos boo’u malee
Kitaaba ilaaluu diddee
Keessi koo cilee ta’e
Marrumaanni daara’e
Iyya ijoollee wallaggaa
Jimmaa taa’een dhaga’e

Dhageessuu dr.Abiy
Isiniis obbo Lammaa
Yoo waaqa sodaattani
Fala nuuf kennaa amma
Fala hin qabdan yoo ta’ees
Ifa godhaa nutti himaa
Tokko tokkoon du’uurra
Wal geenye dhaqne dhumne
Wayyaanee garaa geenya.

Wareegamuun saba koo
Erga dhageeetti dhabe
Of wareegaa jiraachuun
Eenyuun oolfachuufire???

Yaadannoon warra daangaa oromiyaaf jecha dhiigaafi lubbuu isaani qaali itti wareeganiif naaf haa taatu!!! aaaaaa’a saba koo!!!

Continue Reading
Advertisement
2 Comments

2 Comments

  1. Amanuel Adisu

    March 24, 2019 at 2:38 pm

    Galatooma guddasaa

    • Jirraapress

      March 24, 2019 at 3:17 pm

      Atis, yaada nuuf kaayuu hin dagatin!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

To Top