Connect with us

Miidhaa kittaanaan qabu

Health

Miidhaa kittaanaan qabu

Miidhaa kittaanaan qabu

MIIDHAAN DHAQNA QABAA DUBARAA FIDU MAALI?

Dhaqna qabaan mucaa dubaraa irratti raawwatu hundinuu miidhaa malee bu’aa tokko illee hin qabu. Dhaabbatni fayyaa addunyaas (WHO) kanuma sababeeffachuun, dhaqna qabaa dubaraa garee 4 (afur) tti hiree lafa kaa’un balaaleffata.

MIIDHAA AKKUMA DHAQNA QABAAN SUN RAAWWATEEN DHUFUU DANDA’AN:

1. Dhukkubii fi dhiiguu garmalee,
2. Gadi bu’uu dhiibbaa dhiigaa (shock),
3. Fincaan fincaa’uu dadhabuu,
4. Dhibee wantoota ijaan hin mul’anneen dhufan (infections),
5. Daddarbuu dhibee HIV/AIDS fi ‘Heepaatayitis’ B fi C jedhaman,
6. Miidhama nafaa naannoo qaama saalaa jiran,
7. Lubbuun darbuu (du’a)…. Du’i kan dhufuu danda’u, garmalee gadi bu’uu dhiibbaa dhiigaa kan garmalee dhiiguu yookiin dhukkubbii garmalee akkasumas ‘infeekshinii’ irraa kan dhufuu danda’uuni.


MIIDHAMNI YEROO DHEERAA BOODA DHUFUU DANDA’ANIS:

1. Dhukubbii yeroo dheeraa,
2. Madaa’uu qaama saalaa,
3. ‘Infeekshinii’ fi malaa godhachuu,
4. Godaannisa qaama saalaa irrattii hafu,
5. Kaka’umsii fi fedhiin wal-quunnamtii saalaa hir’achuu fi
6. Rakkina sammuu; dhiphina irraan dhufu dha fi kkf dha.

YOO GODAANNISNI UUMAMEE GUDDAA TA’E IMMOO:

1. Rakkoo marsaa laguu yeroo isaa eeguu dhabuu, 
2. Dhukkubbii gaafa wal-quunnamtii saalaa godhan,
3. Daa’ima godhachuu dhabuu(Infertility) 
4. Yeroo daa’imni dhalachuuf jedhu illee, godaannisni uumamee ture sun tarsa’uun rakkoo guddaa fiduu nii danda’a.

AKKAMITTIIN DHAQNA QABAA DUBARAA ITTISNA?

Egaan dhaqna qabaan mucaa dubaraa fayyaa irratti miidhaa fidu irratti dabalataan seeraan illee dhoorkaa yeroo ta’u , mirga dhala namaa cabsuu fi saala dubaraa dariitti dhiibuudha. 

Miidhaa dhaqna qabaan dubaraa fiduu danda’an kan armaan olitti ilaalle hundumaa uummata biraan ga’uun, akka uummatni keenya hubannaa argatee dhaqna qabaa dubaraa balaaleffatu gochuun miidhaa dhufu hundumaa hir’isuun nii danda’ama!

Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsa Yonas

Continue Reading
Advertisement
To Top