Connect with us

Ayyaana irreechaa magaalaa Hawaasaa

News

Ayyaana irreechaa magaalaa Hawaasaa

Ayyaana irreechaa magaalaa Hawaasaa

Ayyaanichi Haroo Fiqiritti kabajameera.

Giddugala Aadaa Sidaamaa magaalaa Hawaasaattis marii obbolummaa ummattoota lamaanii cimsuun kabajameera.

Irreecha magaalaa Hawaasaatti kabajamerratti abbootiin Gadaa, maanguddoonni Sidaamaa, qeerroo, qarree, ejjeettoo, ejjeettii, hoggansi godina Sidaamaa fi magaalaa Hawaasaa, mootummaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa argamaniiru.

Sidaamuurraa amma Haroo Fiqiritti deemsi miilaa kan taasifame yammuu ta’u, dhiignis arjoomameera.

Ayyaanichi bifa miidhagaa ta’een akka kabajamu godinni Sidaamaa fi magaalaan Hawaasaa tumsa barbaachisaa taasisaniiru.

Ayyaanni Cambalaalaa bara darbe magaalaa Finfinneetti qeerroo fi qarree waliin bifa miidhagaa ta’een kabajamuun isaa ni yaadatama.

Continue Reading
Advertisement
Click to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

To Top